Magaalaa Finfinnee Kutaa Magaalaa Aqaaqii Qaallittiitti balaa konkolaataa har’a mudateen lubbuun namoota 9 darbuu Poolisiin Finfinnee beeksiseera

You are currently viewing Magaalaa Finfinnee Kutaa Magaalaa Aqaaqii Qaallittiitti balaa konkolaataa har’a mudateen lubbuun namoota 9 darbuu Poolisiin Finfinnee beeksiseera

AMN PLUS Waxabajjii 16/2017

Magaalaa Finfinnee Kutaa Magaalaa Aqaaqii Qaallittiitti balaa konkolaataa har’a mudateen lubbuun namoota 9 darbuu Poolisiin Finfinnee beeksiseera.

Poolisiin Magaalichaa AMN Dijitaal Miidiyaatti akka himetti namoota lubbuun isaanii darbe 9 keessaa tokko daa’ima ganna 3 yoo ta’u namoota 8 irrattimmoo miidhaan qaamaa cimaan qaqqabeera.

Poolisii Finfinneetti Itti gaafatamaan Sabquunnamtii Uummataa Komaandar Maarqoos Taaddasaa AMN Dijitaal Miidiyaatti akka himanitti Awutoobisiin Dhaabbata Tajaajila Geejjiba Ummataa Pabliik Sarviisii lakkoofsi gabateesaa koodii 3-78979 ET ta’e kallattii Hayilee Gaarmantiirraa gara addabaabayii Yuuniisaatti soo imalaa jiruu konkolaataa lakkoofsi gabateesaa koodii 3-04273 ET ta’e biroo waliin walitti bu’uun, karaarraa maqee kallattiisaa gadhiisuusaatiin akka ta’e himaniiru.

Awutoobisichi kallattisaa erga gadhiisee booda konkolaataa doolfiinii Addabaabayii Yuunisaarraa gara Hayilee Gaarmantiitti imalaa ture Koodii 3-77970 ORO waliin walitti bu’uusaatiin imaltoota doolfinicha keessa turan keessaa konkolaachisaa dabalatee lubbuun namoota 9 darbuu Komaandar Maarqoos himaniiru.

Namoota lubbuun isaanii darbe 9 keessaa tokko daa’ima ganna 3 ta’uu himuun namoota 8 irrattimmoo miidhaan qaamaa cimaan qaqqabuu ibsaniiru.

Kanaan alattis konkolaataan bakka balaan mudate dhaabatee ture tokkoofi konkolaataan imalarra ture kan biraan tokkos balaa kanaan miidhamuusaanii himuun ka’umsi balichaa qoratamaa akka jiru AMN Dijitaal Miidiyaatti himaniiru.

Wandimmaagany Asaffaan

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply