Magaalaa Finfinnee Kutaa magaalaa Eekkatti piroojektoonni manneen barnoota 45 ijaarama Jiran keessa 37 xumuramuun tajaajilaaf akka gahan Hoji- Raawwachisaa olaanaa kutaa magaallichaa Obbo Birhaanuu Rattaa dubbatan.
Piroojektoonni ijaaraman kunneeniis hirmaannaa dhaabbilee dhuunfaa fi mootummaatiin Kan ijaaraman ta’us himaniiru.
Sirna eebbaa kanaa irratti kan argaman Hoggantuun Biiroo Dizaayiiniifi ijaarsaa Bulchiinsaa Magaalaa Finfinnee Injinar Ayyaalnesh Habtee Mariyaam piroojektoonni yeroofi dhalootaa bu’uurreeffatan fayyadamumma lammiillee mirkannessan ta’u himaniru.

Bulchiinsa magaalaa Finfinneetti Piroojektoonni 150 ijaaraman kunneeniis manneen barnootaarratti Kan xiyyeeffatee yoo ta’u tajaajillii isaanis hojii baruu fi barsiisuu, manneen dubbisaa fi mana nyaataa kan qaban, kutaa barnoota sadarkaa isaa eeggate , dandeettii simannaa barattootaa kan qaban, fi qulqullinaan kan ijaaraman ta’us ibsaniru.
Kutaa magaalaa Eekkatti manneen barnootaa idilee duraa, sadarkaa tokkooffaa fi giddugaleessa Nigaat kokkab, Qidduus Marqoosfi Hizbaawii saraawitti ijaarsaa kutaa dabalataa ijaaraman eebbifamaniru.
Dirribaa Yaadataa