Magaalaa Finfinneetti baatiwwan saglan darbanitti hojii qindoominaa hojjetameen yakki dhibbentaa 43 hir’achuun himame.

You are currently viewing Magaalaa Finfinneetti baatiwwan saglan darbanitti hojii qindoominaa hojjetameen yakki dhibbentaa 43 hir’achuun himame.

AMN PLUS CAAMSAA 16/2017

Biiroon Bulchiinsa Nageenyaafi Tasgabbii Magaalaaa Finfinnee, Biiroo teekinooloojii fi Innoveeshinii magaalattii waliin ta’uun teekinooloojii yakkoota too’achuuf oolu misoomse irratti qooda fudhattoota waliin mari’ate.

‎Tekinooloojiin misoome kun namni kamuu bifa salphaa ta’een baasiifi yeroo isaa aarsaa osoo hin taasisin eeruufi shakkii qabu moobaayilii harka isaan kennuu kan dandeessisu ta’uu hogganaa itti aanaan Biiroo Bulchiinsa Nageenyaafi Tasgabbii Magaalaa Finfinnee Obbo Tasfaayee Dandir himaniiru.

Obbo Tasfaayeen Akka jedhanitti Magaalaa Finfinneetti baatiwwan sagalan darban hojii qindoominaa hojjetameenis yakki dhibbentaa 43 hir’achuu himan.

‎Waltajjii hubannoo uumuu kana irratti caasaaleen nageenyaa magaalattii fi qooda fudhattoonni biroo argamaniiru.

‎Sisaay Dirribaatu Gabaase

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply