Barattootni kuma 71 fi 966 hara’a kaasee qormaata Kutaa 8ffaa bahiinsa sadarkaa giddu galeessaa fudhacuu eegaluu isaanii Hoggaanaan Biiroo Barnoota Magaalaa Finfinnee Zalaalam Mulaatuu (Dr.) AMN’tti himaniiru.
Qormaaticha Waxabajjii 3- 4/2017 kennuuf hojiin haal duree dursee kan xumarame akka ta’e eeraniiru.
Guyyoota qormaataa eramanitti barattoota kuma 71 fi 966 buufatalee qormaataa 194 irratti qormaataaf taa’u. Qormatichis gosa barnoota 6 of keessatti kan qabate ta’unu eeramera.
Bulchiinsa Magaalaa Finfinneetti bara barnoota 2017ti qormaanni kutaa 6ffaa waxabajjii 10, 11 fi 12 akkasumas kan kuta 8ffaa bahiinsa sadarkaa giddu galeessaa Waxabajjii 3-4/ 2017 akka kennamu durfame kan beeksifame yoo ta’u milkaa’ina isaaf qophiin barbaachisu dursee taasifamuu eeraniiru.
Barattoonni beekumsa yeroo qophii dursanii argatan qormaataratti akka oolchan kan dhaaman Zalaalam (Dr.) barattoonni gocha qormaata walirraa waraabuurraa of qusachuu akka qaban ergaa dabarsaniiru.
Maatiin barattootaa fi qooda fudhattootnis gahee isaanii akka bahan waamicha dhiyeessaniiru.