Magaalaa Finfinneetti baruufi barsiisuun bara 2018 manneen barnootaa hundatti eegaleera

You are currently viewing Magaalaa Finfinneetti baruufi barsiisuun bara 2018 manneen barnootaa hundatti eegaleera

‎AMN PLUS – Fulbaana 5/2018

‎Sagantaan baruu fi barsiisuu Bara 2018 manneen barnootaa magaalaa Finfinnee hundatti eegaluu Biiroon Barnootaa Magaalaa Finfinnee beeksise.

‎Hoogganaan Biiroo Barnootaa Magaalaa Finfinnee Zalaalam Mulaatuu (Dr) kutaa magaalaa Lammii Kuraa mana barumsaa Idileen Duraa, sadarkaa 1ffaa fi giddugaleessaa Dudubbisaatti argamuun adeemsa baruu fi barsiisuu eegalchiisaniiru.

‎Sagantaa jalqabsiisa baruu fi barsiisuu kanarratti barattoota meeshaaleen barnootaa hinguunneef akka guutamuuf ta’eera.

‎Akkuma baruu fi barsiisuus sagantaan Soorata barattootaas jalqabsiifameera.

‎Hojii baruu fi barsiisuu 2018 milkaa’aa gochuuf qophii bal’aan taasifamuus ibsameera.

Fiqaaduu Mallasaatu gabaase

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply