AMN PLUS- Bitootessa 3/2017
Magaalaan Finfinnee dhaloota egeree boruu biyya kanaa murteessaan qulqullinaafi baay’inaan horachuuf barnootaaf xiyyeeffannoo guddaa kennitee hojjechaa akka jirtu Hogganaan Biiroo Barnootaa Magaalaa Finfinnee ZalAlam Mulaatuu (Dr.) ibsaniiru.
Zalaalam (Dr.) Hogantoota kutaa Magaalaa Eekkaa waliin ta’uun ijaarsa daree dabalataa manneen Barnootaa adda addaa kutaa magaalichaa keessatti ijaarramaa jiraniifi ijaarsi isaanii xumuuraman daawwataniru.
Daawwannaa kanaan ijaarsa daree dabalataa mana barumsaa karra Alloo sadarkaa 2ffaa, mana barumsaa kokobe Tsibaah sadarkaa 1ffaa, mana barumsaa Hizbaawwii saraawit sadarkaa 1ffaa, mana barumsaa Nigaat Kokobe sadarkaa 1ffaa Fi mana barumsaa sadarkaa 1ffaa Adawaa barri dawwatamaniiru.

Hoggantoonni daawwannaa kana irratti argaman, qulqullinaafi saffisni piroojektoota Kanaa gaarii ta’uu eeruun, yeroo qabame keessatti xumuuramanii tajaajilaa Akka kennaniif gahee isaanii kan bahan ta’uu himaniiru.
Zalaalam (Dr.)waajjira Barnootaa kutaa magaalichaas daawwachuun manaajimantii waajjirichaa waliin mari’atanii kallattii hojii itti aanuus kaa’aniiru.
Sisaay Dirribaatu Gabaase.