Mata dureeHirkatummaarra gara Omishtummaatti wabii nyaataa mirkaneessuun badhaadhinaa hunda galeessaaf jedhuun Sagantaa Seeftinetitiin lammilee kuma 154fi 923 fayyaadamoo taasisuu danda’uu eegalameera.
Saganticharratti Kaantibaa itti aanaa Magaalaa Finfinnee Obbo Jaanxiraar Abbaayfi Hooggaanaa Biiroo Hojiifi Ogummaa Magaalaa Finfinnee Obboo Xiiraatuu Bayyaanee argamaniiru.
Sirnicha irratti argamuun haasaa baniinsaa kan taasisan kaantibaan Itti aanaa Obboo Jaanxiraar Abbaay Sagantaa Saaftineetiin deeggersa argamuu fayyaadamuun hirkattummarraa gara omishtummaatti ce’uuf cimaani hojjechuu qabu jedhaniiru.
Sagantichis kutaa Magaalaa Yeekkaatti eegalchifameera.
Leensaa Hordofaatu gabaase.