Mootummaan Naannoo Oromiyaa nageenya naannichaa waaressaa, misooma ariifataa fayyadamummaa uummatichaa mirkaneessan baay’inaafi qulqullinaan hojjechuun tajaajilaaf banaa taasisaa akka jiru Pireezidaantii Itti Aanaan Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Awwaluu Abdii dubbatan.
Bulchiinsa magaalaa Sandaafaa Bakkeetti pirojektootni misoomaa fayyadamummaa uummataa mirkaneessan baajata mootummaa fi hirmaannaa uummataan hojjataman xumuramuun eebbifamanii tajaajilaaf banaa ta’aniiru.
”Magaalli Sandaafaa Bakkee magaalaa ambasaaddara nageenyaafi fakkeenya misoomaa taateedha” kan jedhan Obbo Awwaluun, Akka mootummaatti imala jijjiiramaa magaalattiin eegalte kan tumsan ta’uus himaniiru.
Mootummaan jijjiiramaa jiddu galeessaa biyyaa magaalaa Finfinnee dabalatee naannoolee biyyattii hunda keessatti pirojektoota gurguddaa maqaa biyyaa ijaaran hedduu hojjechuun tajaajilaaf dhaqqabsiisaa akka jiru Obbo Awwaluun himaniiru.
Kantiibaan magaalattii Obbo Alamaayyoo Tonkoluu magaalaan Sandaafaa Bakkee bara baajataa 2017 keessa piroojektoota misoomaa adda addaa tajaajila garaa garaaf oolan 15 birrii Miliyoona 400 oliin ijaaraman xumuramuu dubbataniiru.
Obbo Awwaluun Gamoo Bulchiinsa Magaalichaafi Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Magaalaa Sandaafaa Bakkee ijaarsarra jiru daawwachuun ijaarsa mana barumsa bu’uura Boruu Faalleef Kaa’aniiru.
Pirojeektootni kunneenis , Gamoo Giddu gala Daldalaa Sandaafaa Bakkee abbaa darbii afurii, Mana Barnoota Bu’uura Boruu, kilaasteroota inisheetiivii furdisa horii, horsiisa lukkuu fi Dallaa Manneen barnootaa akka tahan ibsameera.
Sisaay Dirribaatu Gabaase