Magaalaan Shaggar ispoortii dagaagsuu irratti mul’ata guddaa akka qabu Kantiibaan Magaalaa Shaggariifi Walitti qabaan Mana Maree Ispoortii Magaalaa Shaggar Tashoomaa Addunyaa(PhD) ibsan.
Garee Kubbaa Miilaa Magaalaa Shaggariif beekamtiin kenname.
Sagantaa kana irratti argamuun ergaa kan dabarsan Kantiibaan magaalichaa Tashoomaa Addunyaa(PhD) kaayyoon keenyaa Shaampiyoonaa Pirimeerliigii ta’uudha jedhan.

Sagantaa kanaan taphattootaa fi qooda fudhattoota biroo akkaataa gahumsa isaaniin tokkoon tokkoon isaaniif,qarshii kuma 100 hanga kuma 500 gumaachameefira.
Leenjistootaa fi Garee Leenjistootaaf ammoo badhaasa qarshiin dabalatan manni jireenyaa gumaachameefira.
Sagantaa beekamtii kana irratti Pirezidaantii Federeeshinii Kubbaa Miilaa Itoophiyaan dabalatee,ispoorteessitoonni fi qooda fudhattoonni biroon argamaniiru.
Misikkir Alamaayyootu Gabaase