Arki’ooloojistoonni magaalaa waggoota kuma 8f 500 dura dhuma bara cabbii badde jedhamee dubbatamu argachuu isaanii himan.
Magaalattiin qarqara galaanaa Deenmaarkatti kan argamte sababa cabbiin baquun kan ka’e olka’iinsa galaanaatiin bishaaniin liqimfamuun ishee hin oolu jedhu qorattoonni.
Hanga ammatti qorannoo adeemsifameen Magaalaan tun bal’ina iskuweer maayilii 430 kan qabdu yoo ta’u, arki’ooloojistoonni qorannoo itti fufuun kutaa magaalattii kan biraa argachuuf tattaaffii taasisaa jiru. Magaalaa qorannoon argamte tana keessatti mallattoon sochii jireenya hawaasummaa dhala namaa gurmaa’e argameera.
Dabalataanis, meeshaaleen dhagaa, xiyyaa, lafee bineensotaa fi mallattoolee biroo hawaasni adeemsa guddinaa irra turan achi jiraachaa akka turan agarsiisu mallattooleen barbaachisoo ta’an argamuu isaanii qorattoonni kunneen ibsaniiru.
Magaalonni bara dhagaa badan kanaan dura lafa irratti kan argaman yoo ta’u, galaana jalatti yeroo jalqabaaf kan argame kana ta’uu ‘South China Morning Post’ gabaaseera.
Qorattoonni baajata doolaara miiliyoona 15.5 ramaduun magaalota badan argachuuf waggootaaf hojjechaa jiru. Pirojektiin idil-addunyaa waggoota jahaaf turu kun magaalota durii Galaana Baaltik fi galaana Kaabaa keessatti badan barbaadurratti akka xiyyeeffates eerameera.