Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa BulchiinsaMagaalaa Finfinnee bara baajataa darbe keessa malaammaltummaa magaalattii keessatti mudate ittisuudhaan BirriiBiiliyoona Tokkoo fi Miiliyoona 400 malaammaltummaa irraa akka hambise beeksise.
Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Magaalaa Finfinneegabaasa raawwii bara baajata 2017 fi karoora bara 2018 irratti marii taasisee jira. Malaammaltummaa fi hojimaata badaa magaalattii keessatti mul’atu hir’isuuf hojiin ijaarsa naamusaa hawaasa hirmaachise cimee akka itti fufu ibsameera.
Komishinarri Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Magaalaa FinfinneeJamaal Radii, malaammaltummaa magaalattii keessatti mul’atan ittisuuf hojimaata badaa irratti tarkaanfiiwwan barsiisoo fudhachuun dhaloota hanna jibbu ijaaruuf tattaaffiin taasifamaa akka jiru himaniiru.
Bara baajataa xumurame kana keessatti komishinichi karoora tarsiimawaa kaayyoo isaa galmaan gahu dirirsuun naamusa ijaaruu fi malaammaltummaa ittisuu irratti hojiiwwan bu’a qabeessa ta’an raawwatamuu isaa ibsaniiru. Haaluma kanaan hojjettoota
hooggantootaa fi qooda fudhattoota gocha malaammaltummaa raawwatan seeraanakka gaafataman taasisuu isaanii beeksisaniiru. Komishinarri Itti Aantuun komishinichaa Aadde Maqdas Tasfaayee gama isaaniitiin manneenbarnootaa, dhaabbilee amantaa adda addaa, akkasumas dhaabbilee mootummaa fi dhuunfaa keessatti hojiin hubannoo uumuu akka hojjetamu ibsaniiru.
Adeemsa komishinichi qabeenya biyyaa fi ummata malaammaltummaa irraa baraaruuf taasisaa jiru keessatti hawaasni hirmaachuun gahee isaa akka bahuwaamicha dhiyeessuu isaanii TOI’n gabaaseera.