Kun seenaa dargaggoota lamaa, Mana amala sirreessaa taa’anii qormaata kutaa 12ffaa qabxii quubsaan darbaniiti.
Akka tasaa ta’ee dogoggorani. Dogoggorri isaanii ammoo yakka ta’e. Dargaggoo Efreemiifi Yaareed.
Namni yakka isaarraa baratee ba’ee hawaasaa biraas akka barsiisuuf, yeroo gahaa qabaatee akka of madaaluuf amalaan haa sirratuuf hawaasa irraa adda ba’ee bakka seerri “turi” ittiin jedhe taa’ee adabbii isaa fudhachuun waan hin oolle.
Barattootni kunneenis carraan isaanii kana ta’e. Dhimmi keenya kanumaan raawwatame jedhanii harka isaanii maratanii hin teenye. Barnoota addaan kutanii turan mana amala sirreessaa keessa taa’anii itti fufan.
Gaaf tokko, yeroo achii ba’an namoota biroofis fakkeenya ta’uuf hawwiin qaban dabalaa hammuma dhufeen barnoota isaaniitti cimanii barachuu akka qaban murteessan.
Haala daanga’aa ta’e keessattis qayyabachaa, naamusa gaarii agarsiisaafi of barsiisaa qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa fudhatan.
Sirreeffamtootni seeraa lamaan seensa yunivarsiitii gaarii jedhamu galmeessuun barana gara Yunivarsiitii seenuuf jedhu. Qabxii fooyya’aa fiduu isaaniitti gammachuun isaanii olaanaa ta’uu ibsaniiru.
AMN barattoota mana amala sirreessaa ta’anii qormaata seensa yunivarsiitii kutaa 12ffaa fudhachuun qabxii fooyya’aa galmeessan dubbiseera.
Efreem Alamayyoofi Yaared Sintaayyoo sirreeffamtoota Mana Amala Sirreessaa Olaanaa Federaalaa Abbaa Saamu’el keessatti qormaata kutaa 12ffaa bara 2017’tiin milkaa’anidha.
Efreem qabxii 600 keessaa 427 kan fide yoo ta’u, akka qabxii gaarii kana galmeessuuf deggersi barsiisotni isaa taasisaniif olaanaa ta’uu ibsee jira.
Xiyyeeffannoo kennanii qayyabannaan haalaafi bakki qabxii gaarii galmeessuu irraa akka nama hin daangessine dubbata.
Qormaatilee waggoota darban keessa kennaman irra deddeebi’ee hojjachuurra darbee Kitaabolee barumsaafi kanneen biroos dubbisaa akkasumas yeroo isaatti haalaan fayyadama akka ture ibseera.
Yaada hiriyaa isaa kan deeggaruu sirreeffamaan biraa Yaared Sintaayyoo Mana Sirreessaatti warreen qabxii gaarii galmeessan keessaa isa tokko.
Yeroo qo’annaa isaa barnoota hin galleef hiriyoota waliin dubbisuufi wal hubachiisuun akkasuma Barsiisaa gaafachuun qophaa’a kan turee Yaared qabxii 600 keessaa 350 fiduun akka milkaa’e ibsa.
Yeroofi haalonni osoo isaan hin rakkisin kaayyoo keenya cimsuun qabxii gaarii galmeessisuu akka danda’an ibsaniiru.
Barnoota yunivarsiitii isaanii haalaan hordofuufi, eebbifamaniis hawaasa isaanii kutannoofi naamusa gaariin tajaajiluuf kaayyeffachuu isaanii dubbataniiru.
Manni amala sirreessaa sirreeffamtoota amalaa waan balleessanirraa akka baratan taasisuu irra darbee ogummaa adda addaatiin leenjisuun gahoomsaa akka jiru, qabxii gaarii Efreemifi Yaared galmeessan kan agarsiisu akka ta’e hubachuun ni danda’ama.
Shuumii Badhaasootiin