Miseensonni Manaajimeentiin Baankii Siinqee Magaalaa Shaggar Kutaa Magaalaa Koyyee Facceetti sagantaa Ashaaraa Magaariisaan biqiltuu dhaaban.
Pirezdaantiin Baankii Siinqee Obbo Newaay Magarsaa Baankichi hojii idilee isaatiin cinatti Yeroo garagaraatti sagantaa Ashaaraa Magaariisaan biqiltu Nyaataafi Gaaddisaaf oolan bakkeewwan garagaraatti dhaabaa turuu dubbatan.
Biqiltu dhaabuu qofas osoo hin taane kunuunsa barbaachisuus taasisaa turuu himuun, kanneen kana dura dhaabanis sadarkaa gaariirra jiraachuu himan.
Gara fuuldurattiis karooraafi tattaaffii biyya Magaariite dhaloota dhaalchisuuf mootummaan taasisaa jiru Baankichi humnaa, beekumsaafi qabeenya qabuun akka tumsu dubbataniiru.
Kantiibaan Magaalaa Shaggar Dr.Taashoomaa Addunyaa Baankiin Siinqee hawaasa baadiyyaafi magaalatti diinagdee aangessuun cinatti sagantaa Ashaaraa Magaariisaan biqiltu gosa garagaraa Kutaa Magaalichaatti dhaabuu isaaniitiif galateeffataniiru.
Namoomsaa Baalliitu gabaase