‎Manguddoota tola ooltotaan bayyanachuuf jiran

You are currently viewing ‎Manguddoota tola ooltotaan bayyanachuuf jiran

‎AMN PLUS- Hagayya 05/2017

‎Aadde Haragaawa Taklawaldee waa’ee rakkinaa fi bu’aa ba’ii keessa darbitanii imimmaan harcaasaa dubbatu.

‎Dullumni isaanii umurii qofaan osoo hin ta’in gadadoo jireenyaatiin fuulli jijjiiramee maatii 11 waliin godoo xiqqoo keessatti qorra waliin wallaansoo qabuun jiraachaa turan.

‎Aadde Haragaawa erga abbaan warraa isaanii boqatee booda jireenya gaarii argadhee hin beeku jedhu. Godoo xiqqoo keessa qorraa fi bubbeedhaan wallaansoo qabaa jiraachaa akka turan dubbatu.

“Duraan ‎manni gubbaan narratti dhimmisaa. Yeroo hunda mi’a jala kaa’een ittisa” jechuun rakkoo hamaa halkaniifi guyyaan dabarsaa turan kana sagalee gaddaatin himu.

‎Rakkoo Aadde Haragaawa irra gahaa ture ollaan isaanii Aadde Ayyaahullish kan maatii torbaa qabanillee miidhaa ture.

‎Haadholiin kunneen jireenya isaanii walakkaa rakkina keessatti dabarsan.

‎Aadde Haragaawa dabalatee araddaa xiqqoon abba warraa 12 kan of keessaa qabu yoo ta’u, giddu galeessaan miseensota maatii shan hanga kudha tokkoo kan qaban baroota hedduuf rakkina keessa turan.

‎Jiraattonni kunneen naannoo kutaa Magaalaa Qiirqoos Aanaa 4, amaleeffannaa Masgiida Qeeraa jedhamuun beekamu keessa jiraachaa turan.

‎Haadholiin kunneen jireenya gadadoo keessaa akka bahaniif gargaarsa tola ooltotaatiin gamoon ijaaramaa jira.

‎Jiraattonni naannoofi qaamni mootummaa dhimmi ilaallatu rakkoo kana hubatanii haadholii manneen xixxiqqoo keessatti rakkataa turan ifatti baasuuf mana waliinii ijaaraa jiru.

Haadholiin kunneen manatti galanii tola ooltota kanneen eebbisuuf xumura gamoo hawwiin eegaa jiru.

‎Akka qindeessituun tola ooltotaa Aadde Immabeet Hayiluu jedhanitti, jireenyi lammiilee rakkatanii tola ooltota kanaan jijjiiramee arguun nama gammachiisa.

‎Qindeessaan tola ooltoota kana Obbo Abinnat Tasfaaye akka ibsanitti, yeroo gabaabaa keessatti gara mana isaaniitti akka galaniif ijaarsa kana akka qophisuu hordofaa jirras jedhaniiru.

‎Heelen Tasfaayeetiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply