AMN PLUS – Onkoloolessa 04/2018
Manni amantaa Ortodoksi Tawaahidoo Itoophiyaa yaa’ii sabakaa afuuraa idil addunyaa 44ffaa taa’uu eegaleera.
Yaa’iicha Paatriyaariikii Mana Amantaa Ortodoksi Tawaahidoo Itoophiyaa Eebbifamoo Abuna Maatiyaas saaqaniiru.
Hooggantootni mana amantichaa biyyattii guutuudhaa walitti bahan, itti gaafatantoota tajaajiltootaa fi angafoonni phaaphaasonni ardiilee yaa’icha irratti hirmaachaa jiru.
Yaa’icha irratti ergaa dabarsuun kan saaqan Eebbifamoo Abuna Maatiyaas baraa fi yaroon otuu hin daangeffamin hojiiwwan keenya oogummaan hojjechuu qabna jedhaniiru.
Yaa’ii sabakaa waggichatti walitti qabamuu qofa otuu hin taanee rakkoowwan mana amantichaa adda baasuun murtoowwan fala ta’an kan itti darban ta’uun akka irra jiru hubachiisaniiru.
Hoji gaggeessaan Waliigalaa Mana Amantaa Ortodoksii Abuna Saawuroos jaalala, nagaan walii yaaduu fi tikummaa deebisuuf qabeenyaalee afuuraa keenya fayyadamnee hojjechuu qabna jedhaniiru.
Yaa’iin idileen sabakaa 44ffaa idil addunyaa Onkoloolessa 04/2018 hanga Onkoloolessa 10/2018tti gaggeeffama.
Bifiqaaduu Mallaseetu gabaase.