Manni kitaabaa Chaayinaatti argamu dubbistoota caalaa akkamitti daawwattoota hawwate?

You are currently viewing Manni kitaabaa Chaayinaatti argamu dubbistoota caalaa akkamitti daawwattoota hawwate?

‎AMN PLUS – Hagayya 14/2017

‎Manni Kitaabaa kun bara 2025 baatii Caamsaa keessa Chaayinaatti dubbistootaaf banaa ta’e.

Kattaan akka cichaa manaatti fayyadamuun qarqara gaaraa irra taa’anii dubbisuun miira akkamii akka qabu nama dhaqee argetu beeka.

Dubbisa isaa caalaa ogummaa ijaarsaa isaa kan ajaa’ibsiifate miidiyaa hawaasummaa garaa garaa irratti baay’inaan qoodaa jira.

‎Mana dubbisaa tahuu caalaa waan heddummootni waliif qoodaniif bakka manni Kitaabaa kun itti argamu, kan namni dhaqee dubbisuuf miti, yaabbachuun qormaata guddaa qabu, yaabbannaanis bu’uuf lubbuun nama marartutudha.

‎Naannawni mana Kitaabichaa magariisa uffachuun miidhaga isaa dabaleera. Kunis harka namaatiin kan hojjatame osoon taane, suura hubannoo namtolchee ykn AI dhaan kaafame fakkaata.

‎Dubbistoota caalaa daawwattoota kan hawwate, manni Kitaabaa kun namootni akka daawwataniifi seenanii dubbisaniif yaabbatni mukaa tolfameefi, goleewwan dhagaafi mukarraa bocamanirratti kitaabilee mul’ataniin faayamee, miidhagina uumamaa naannicha marseen dabaalamee argama.

‎Namootni Ganda sana keessa jiraatan kitaaba isaanii Mana Kitaabaa Gaaraa irraa dubbisaa, tuuristoota guutuu Chaayinaa irraa itti yaa’aniin Wal dubbisaafi muuxannoon waliif qoodaa jiraatu.

‎’Oddity Central’mana Kitaabaa addaa kana ajaa’ibsiifatee akka itti aanutti suura isaa isiniif qoodeera.

‎Malkaamuu Abbabaatiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply