AMN PLUS- Adooleessa 30/2017
Manni maree Ol’aanaa Dhimmoota Islaamummaa Magaalaa Finfinnee bara 2017 lafa kaareemertira Kuma 200 fi Kuma 30 ol bulchiinsa magaalaa Finfinneen kennameef hojiilee misoomaa gara garaaf oolchuu beeksiseera
Manni marichaa yaa’ii idilee 3ffaa bara hojiin 3ffaasaa taa’eera.
Manni maree Ol’aanaa dhimmoota Islaamummaa Magaalaa Finfinnee barana hojiilee hawaasummaa,amantaa fi kanneen biroo bal’inaan hojjeteera.
Keessattuu hojiileen ijaarsa masjoodotaa fi bu’uuraalee misoomaa masjiidota,madrasoota,manneen barnotaa bultii addaa fi bakkeewwan awwaalchaa misoomsuurratti xiyyeeffachuun milkaa’ina gonfachuu Pireezidaantiin mana marichaa Sheeh Sulxaan Haji Amaan ibsaniiru.
Bara bajataa 2017tti qofa lafa kaareemertira Kuma 200 fi kuma 30 bulchiinsa magaalaa Finfinneerraa fudhachuun misoomaa hawaasa musliimaaf oolchuu himan.
Hariiroo obbolummaa hawaasa musliimaa Magaalaa Finfinnee fi naannolee gidduu jiru cimsuufis hojiin bal’aan hojjetamuu eeruun, rakkoo hawaasa harka qaleeyyii furuufis hojiilee tola ooltummaa gara garaaf hojjechu sheeh Sulxaan himaniiru.
Hojii kana keessatti ammoo abbootii qabeenyaa fi Imbaasiiwwan gara garaa hirmaachisuun s duula ashaaraa magariisaa,ijaarsa hidha haaromsaa fi marii biyyaalessaarrattis hirmaannaa Ol’aanaa taasifneera jedhan.
Pireezidaantiin Mana maree Ol’aanaa dhimmoota Islaamummaa Itiyoophiyaa Sheeh Haji Ibraahiim Tufaa hawaasni musliimaa magaalattii waggaa sadii dura mirgasaa dhabee true amma hojii abdachiisaa hojjechaa jira jedhan.
Manni marichaa qaamolee milkaa’ina kanaaf gumaacha Ol’aanaa taasisaniif beekamtii kenneera.
Anuwaar Firriisaatu gabaase.