Manni Maree Waliigalaa Dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaa sagantaa galateeffachuufi beekamtii kennuu adeemsisaa jira‎

You are currently viewing Manni Maree Waliigalaa Dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaa sagantaa galateeffachuufi beekamtii kennuu adeemsisaa jira‎

AMM PLUS – Onkoloolessa 01/2018

‎Manni Maree Waliigalaa Dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaa Filannoon Boordii Hoji-Raawwachiistota Bara 2017 xumuramuu sababeeffachuun Galma Yaadannoo Adawaatti sagantaa galateeffachuufi beekamtii kennuu adeemsisaa jira.‎

‎Pirezidaantiin Mana Marichaa Sheek Hajii Ibiraahim Tufaa “Filannoon addaa seena-qabeessa ta’e milkaa’uusaatti uummanni islaamaa hundi Rabbiin galateeffachuu qaba” jedhaniiru.

“Filannichi haqa qabeessafi milkaa’aa ta’ee akka xumuramuuf gahee olaanaa bahachuun mootummaafi hawaasni hundumtuu galateeffamuu qabu” jechuun ibsaniiru.

‎Miseensotni Hoji raawwachiiftuu Boordii Filannoo, Anga’ootni Mana Maree Waliigaalaa, Hoji-raawwachiistootni miidiyaaleefi kanneen biroos argamaniiru.‎

‎Mahaammad Aliinaasirtu gabaase

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply