Mariin Tiraampiifi Puutin waliigaltee malee xumurame

You are currently viewing Mariin Tiraampiifi Puutin waliigaltee malee xumurame

‎AMN PLUS- Hagayya 10/2017

‎Mariin Waraana Yuukireen dhaabuuf Pireezidaantiin Amerikaa D.Tiraamp gita isaanii Raashiyaa Raashiyaa V. Puutin wajjin Alaaskaatti taasisan waliigaltee malee xumurame.

‎Mariin eegamaa ture kun sa’aatii sadiif taasisamus, Tiraamp waliigaltee irra hin geenye jechuun ibsan.

‎Puutin gama isaaniin, Tiraamp dhuguma waraanicha dhaabuuf fedhii qaba jechuurra, ibsi gama lamaaniin gaazexessitootaaf kenname hin jiru.

‎Tiraamp mariin kun yoo hin milkoofne balaa hamaa akka fidu dubbatanii turan.

‎Gaggeessitootni Awurooppaa milkaa’ina marii Yuukireeniin hin hirmaachisne irratti duraanuu mamii qabaachaa turan.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply