‎Masqalaafi Irreechi galii tuurizimii argamsiisuun diinagdee akka utuban ibsame

You are currently viewing ‎Masqalaafi Irreechi galii tuurizimii argamsiisuun diinagdee akka utuban ibsame
  • Post category:Aadaa
  • Post comments:0 Comments

‎AMN PLUS- Fulbaana 13/2018

‎Kutaa Magaalaa Eekkaatti Ayyaana Masqalaafi Irreechaa karaa nagaafi duudhaasaa eeggateen kabajuuf qaamolee hawaasaa Magaalaa Shaggar Kutaa Magaalaa Mana Abbichuufi K/M/Eekkaa waliin mari’atameera.

‎ Ayyaanota Addabaabayii hawaasni hedduminaan bahee kabaju kana karaa nagaafi obbolummaa hawaasa biyyattii eegeen kabajuuf gaheen hawaasaa murteessaa ta’uu Hoji Raawwachiisaan Kutaa M/Eekkaa Obbo Fitsum Haayilee Ibsaniiru.

‎Ayyaanni Masqalaafi Irreechi ayyaanota walitti aanaanii kabajaman yoo ta’u madda galii turizimii argamsiisuun diinagdee biyyaa utubuu keessatti qooda guddaa qabaachuun ibsameera.

‎Kanaaf hirmaannaa turistootaa dabaluuf ayyaanichi karaa nagaafi tasgabbii qabuun akka kabajamuuf hirmaannaan hawaasaa murteessaadha jedhameera

‎Magaalaa Shaggaritti Hoji Raawwachiisaa Itti Aanaan Kutaa Magaalaa Mana Abbichuu Obbo Girmaa Buttaa gama isaaniin hawaasni kutaalee Magaalaa Lameenii tokkummaan wal ta’anii nageenya naannoo isaanii eegaa keessummoota dhufan simachuun Jaalalaan Ayyaana Masqalaafi Irreechaa haala miidhagaa ta’een akka kabajamuu qabu dhaamaniiru.

‎Qaamoleen hawaasaa marii kana irratti hirmaatanis ayyaanichi haala duudhaasaa eeggateen akka kabajamuuf qophaa’u isaanii ibsaniiru.

‎Abdiisaa Fufaatu gabaase.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply