Masqalliifi Irreechaan hariiroo cimaa uummanni waliin qooddatu addunyaatti kan itti muldhisnu dha jedhame

You are currently viewing Masqalliifi Irreechaan hariiroo cimaa uummanni waliin qooddatu addunyaatti kan itti muldhisnu dha jedhame
  • Post category:Aadaa
  • Post comments:0 Comments

‎AMN PLUS – Fulbaana 13/2018

‎Bulchiinsa Magaalaa Finfinneetti Kutaan Magaalaa Addis Katamaafi qindoomina Magaalaa Shagariitti Kutaan Magaalaa Buraayyuu waliin ta’uun sirna kabaja Ayyaana Masqalaafi Irreechaa irratti kutaa hawaasaa garaagaraa hirmaachiisuun mariin taa’ameera.

‎Hojii Raawwachiisaa Olaanaan Kutaa Magaalaa Addis Katamaa Obbo Taarraqanyi Warqinaa eergaa dabarsaniin ayyaanonni uummata kun karaa duudhaafi safuu isaanii eeggataniin akka kabajaman taasiisuun hariiroo cimaa uummanni waliin qooddatuu addunyaatti kan itti muldhisnu ta’uu qaba jedhaniiru.

‎Ayyaannoonni Amantaafi Uummataa kunneen barii misiraachoon eebbiffamuu hidha haroomsaa guddicha Itoophiyaatti kabajamuun isaanii bara kana adda isaan taasiisaa kan jedhan obbo Taarraqanyi uummanni magaalaa Finfinnee fi Kutaalee magaalaa Oollaa Shaggar irraa dhufan karaa miidhagina qabun ayyaanota lamaan kana kabajuun isa bara dhufuuf ergaa fakkeenyummaa guddaa qabu dabarsuu akka qaban dhaamaniru.

‎Marii kana irrattis Hoggantoonni hojii mootummaa Magaalaa Finfinnee fi kutaalee Magaalaa Oollaa Shaggar, Abbootiin Gadaa,Haadholii Siinqee, Dargaggootaa fi Dubartootni garagaraan hirmaataniru.

‎Kaasiyyee Maanguddaatuu Gabaase.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply