Magaalaa Finfinneetti miidhaa lammiilee damee ijaarsaa irra gahu xiqqeessuuf hojjetamaa jira jedhame.
Abbaan Taayitaa Eeyyamaafi To’annoo Ijaarsaa Magaalaa Finfinnee miidhama qaamaafi lubbuun darbuu wayita ijaarsaa muudatu xiqqeessuuf qooda fudhattoota isaaf leenjii guyyaa sadiif turu kennuu eegaleera.
Leenjicha kan eegalchiisan Sadarkaa itti aanaa Kantiibaatti Hoji gaggeessan Magaalaa Finfinnee Injinar Wandimmuu Seettaa, magaalaa Finfinnee Damee ijaarsaatiin miidhagaa jirtu duuba lammiileen lubbuun darbaniifi qaama miidhaman jirachuu dubbatan.
Rakkinoota kanneen furuuf hojiin damee ijaarsaa ammayyeesuu, meeshaalee eeggannoo ijaarsaa guutuufi lammiilee damicha irratti bobba’anii hojjetaniif hojiin hubannoo uumuu kennamaa jiraachuu ibsaniiru.
Magaalaa Finfinnee guddachaa jirtu keessatti dameen ijaarsaa gahee olaanaa kan qabuufi lammiilee hedduuf caraa hojii kan uumuu ta’uus himameera.
Leenjiin hubannoo uumuu sadarkaa magaalaa Finfinneetti kennamaa jiru kun marsaa 10ffaa yoo ta’u guyyaa sadiif itti fufa jedhameera.
Geetaahun Katamaatiin