Miidhagduu Tuurizimii Oromiyaa filachuun maal kaayyeffate? Torbee Turizimii Oromiyaahoo?

You are currently viewing Miidhagduu Tuurizimii Oromiyaa filachuun maal kaayyeffate? Torbee Turizimii Oromiyaahoo?

‎AMN PLUS – Hagayya 23/2017

‎Torbee Turizimii Oromiyaa bara kanaa yeroo 5ffaaf kabajamuuf qophiin taasifamaa jiraachuu Komishiniin Turizimii Oromiyaa beeksise.

Qaama kabaja kanaa kan ta’e dubree ambaasaaddara turizimii Oromiyaa taatu filachuuf dorgommii Miidhagduu Turizimii Oromiyaaf galmeen geggeeffamaa jira.

Dhimma Kabaja Torbee Turizimii Oromiyaa baranaa ilaalchisee AMN Digital waliin turtii kan taasisan Komishinara Itti Aanaan Komishinii Turizimii Oromiyaa Naggaa Wadaajoo, torban tuurizimii Oromiyaa Fulbaana 22-24/2018 geggeeffamu kanaan qabeenya turizimii naannichaa beeksisuu, namoota biyyaaf dhiibbaa gaarii uuman beekamtii kennuufi shamara ambaasaaddara turizimii Oromiyaa filachuu ni dabalata jedhan.

Bara 2013 irraa kaasee dorgommii Miidhagduu Turizimii Oromiyaatiin shamarran injifatanu, waggaa guutuuf turizimii naannichaa addunyaaf beeksisuun hojii gaarii hojjechaa turuu yaadachiisan.

‎Akka naannoo Oromiyaatti sochiin tuurizimii baay’ee jajjabeessaa fi tuuristootni hedduunis biyyoota keessaafi alaa irraa dhufanii Magaalaa Finfinnee keessa buufachuun midhagina cinatti galii magalichaa daran guddisaa jiraachuus himaniiru.

‎Torbee Tuurizimii kanaan Oromoo fi aadaa isaa beeksisuun madda tuurizimii gochuu, dinagdee fi hawaasummaan tarkaanfachuudha jedhan.

Miss Tuurizimiin Oromiyaa 2017 Durbee Daraartuu Tasfaayee shamarran ofitti amanamummaa horachuun miidhaginaan kuulamanii Ambaasaaddara Tuurizimii waggichaa ta’uuf kan irratti wal-dorgoman ta’uu AMN Dijital’f himte.

‎Sagantichaanis, Shamarran ofta’uu irraa kaasee aadaa, afaan, eenyummaa sabaa fi tuurizimiidhaan biyya isaanii addunyaatti beeksisuuf moo’atanis ambaasaaddara tuurizimii ta’uun turizimii naannichaa kan itti beeksisan tahuu ibsite. Bara Ambaasaaddara Turizimii taate kanattis Oromiyaa beeksisuuf hojii guddaa hojjechaa akka turte akeekte.

‎Komishiiniin Tuurizimii Oromiyaas, shamarran dorgommicha injifataniif beekamtii kennuun ambaasaaddara tuurizimii ta’anii qabeenya tuurizimii naannoo fi biyyaa sagaleen, maxxansaa fi viidiyoo adda addaatiin addunyaatti beeksisuun daawwattootni dhufanii akka daawwatan gochuuf kan gargaaru tahuu himameera. Galmeen Miidhagduu Turizimii Oromiyaa hanga Wiixata dhufuutti itti fufa.

‎Daraartuu Tarreessaatu gabaase

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply