AMN PLUS- Adoolessa 24/2017
Ministeerri Daldalaa fi Walitti Hidhaminsa Naannowaafi Hooggatoonni itti wamama dhaabbatichaa guyyaa har’a sagantaa ashaaraa magariisaa waggaa 7ffaa Paarkii Gulallee Inxooxxootti biqiltoota dhaabaniiru.
Biqiltuu dhaabuudhan eegumsa naannoo cimsuu, dinagdee magariisaa ijaaruufi wabii nyaataa mirkaneessuuf baay’ee murteessadha jedhame.
Biqiltoonni har’a dhaabnuu dhaloota egereetif misooma ittifufinsa qabuuf murteessaa, hojiifi naannoo jireenyaaf mijataa ta’e dhalootaf dabarsuun qaama itti gaafatamummaa seenaa akka ta’e hirmaattonni biqiltoota dhaaban dubbataniiru.
Ministeerri Daldalaa fi Walitti Hidhaminsa Naannoofi Hooggatoonni itti wamama dhaabbatichaafi Hojjetoonni hundi sagantaa ashaaraa magariisaa biqiltuu dhaabuu seena qabessaa kanarratti ashaaraa isaanii kaa’uun akka isaan gammachiise ibsaniiru.