Ministirri Innooveeshinii fi Teeknooloojii Ballaxaa Mollaa (Dr.) sirnakkoo saayinsii fi teeknooloojii waliin wal simsiisanii hojjachuun guddina dinagdee itti fufiinsa qabuuf murteessaadha jedhan.

You are currently viewing Ministirri Innooveeshinii fi Teeknooloojii Ballaxaa Mollaa (Dr.) sirnakkoo saayinsii fi teeknooloojii waliin wal simsiisanii hojjachuun guddina dinagdee itti fufiinsa qabuuf murteessaadha jedhan.

‎AMN PLUS- Adoolessa 24/2017

‎Ministirri Ministeera Innooveeshinii fi Teeknooloojii Ballaxaa Mollaa (Dr.) fi qondaaltonni fi hojjettoonni ministeerichaa Paarkii ICT Magaalaa Finfinnee keessatti biqiltuu dhaabaniiru.

‎Sagantaa kana irratti ergaa kan dabarsan ministirri kun, misooma magariisaa biyyattii uffachiisuuf duulaafi sagantaan akkanaa murteessaa ta’uu ibsaniiru.‎

‎Sirnakkoo saayinsii fi teeknooloojii waliin wal simsiisuun guddina dinagdee itti fufiinsa qabuuf furtuu waan ta’eef milkii kanaaf ministeerichi ciminaan kan hojjetu ta’uu ibsaniiru.

‎Hojjettoonni ministeerichaa saganticharratti hirmaachuun biqiltuu dhaabuu isaaniitti gammaduu isaanii himuun, biqiltuu dhaaban kunuunsuu fi guddisuuf kutannoo akka qaban ibsaniiru.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply