AMN PLUS- Onkoloolessa 7/2018
Ministiroonni Maallaqaa Gaanfa Afrikaa yaa’ii Fandii Maallaqaa Idil-addunyaa (IMF) fi Garee Baankii Addunyaa Waajjira Muummee Baankii Addunyaa Waashingitan D.C.tti adeemsifama jirun cinatti Innisheetiivii Gaanfa Afrikaarratti mari’atan.
Yaa’iin kunis sochii inisheetivee Gaanfa Afrikaa maadaluufi imaammataa hojiirra oola jiru irratti xiyyeeffachuun tumsa diinagdee naannoo daran cimsuun qormaata dinagdee addunyaa akka dandamatu taasisuudha jedhameera.
Itoophiyaan jalqabbii fayyadamummaa inisheetiivii naannoo hojiirra oolchuurratti sochii cimaarra akka jirtu Ministirri Maallaqaa Itoophiyaa Ahimad Shidee hirmaattota yaa’ii kanaaf ibsuu Odeeffannoon Ministeerri Maallaqaa AMN Diijitaaliif erge ni agarsiisa.
Ibsa kanaanis Hidha Haaromsa Guddicha Itoophiyaa kan daldala anniisaa daangaa qaxxaamuruun biyyoota ollaa tajaajiluufi hojiirra oolmaa Naannoo Daldala Walabaa Ardii Afrikaa (AfCFTA) guddisuu keessatti qoodni Itoophiyaa olaanaa akka ta’es dubbataniiru.
Obbo Ahimad deeggarsa guddaa Baankii Misooma Afrikaa, Gamtaa Awurooppaa, fi Baankii Addunyaa irraa itti fufee jiru, akkasumas tumsa IGAD waliin taasifameef galateeffataniiru.