Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (Dr.) Ayyaana yaadannoo dhaloota Nabiyyii Mahaammad (Mooliidaa) Bara 1500’f kabajamu ilaalchisee ergaa baga Ittiin Isin gahe dabarsaniiru.
Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (Dr.) “Ayyaana hangafoota keenyaaf kan kabajnu fakkeenyummaa isaanii hordofuufi” jedhaniiru.
Abiyyi (Dr.) ”maal akka hojjatan, maal akka barsiisan, maal akka isaan mudate, akkamitti qormaata akka darban, seenaa isaanii kaasnee irraa baranna” jechuun Miidiyaa hawaasummaa isaaniin qoodanii jiru.
Ayyaanni Mooliidaa yeroo kabajamus hojii gaarii Nabiyyii Mahaammad ni qoranna, jireenya isaanii irraa baranna kan jedhan Ministirri Muummeen “haalli qormaata ittiin darban jabina nuuf ta’a, barsiisa isaanii yaadachaas ofii keenya ittiin madaalla” jechuun itti dabaluun kaasanii jiru.
Ayyaanni Mooliidaa Bara kanaa kan kabajamu bara 2017’tti nagaa dhaammachuuf jennutti waan ta’eefi, yeroo kanatti obsaafi beekumsa caalaa wantootni waliin deemuu qaban akkan jirre, barsiisa Nabiyyii Mahaammad irraa hubanna jechuun yaadachiisaniiru.
Badhaadhinni Itoophiyaa bara bayyanachuu isheetti argame kun akka milkaa’uuf akkuma Nabiyyii Mahaammad jedhan, obsaafi beekumsa wal simsiisanii deemuun barbaachisaa ta’uu isaa hubachiisaniiru.
”Osoo biqiltuu dhaabduu yoo guyyaan murtoo gahe, biqiltuu dhaabuukee addaan hin kutin” jechuun akkuma Nabiyyiin barsiisanitti, “qormaatni kamiyyuu dhufu uummata keenyaaf hojii qajeelaa ta’e ciminaan hojjachuu itti fufna” jechuun ibsaniiru.
Hawaasni Musliimaas Ayyaana yaadannoo dhaloota Nabiyyii Mahaammad (Mooliida) kana yeroo kabaju, hojii Rabbi fuulduratti gaarii ta’e hojjachuun ta’uu akka qabus yaadachiisaniiru.
”Barri dhufu 2018 bara bayyanachuu Itoophiyaa cimsinee itti fufnudha” jechuunis ergaa isaanii dabarsaniiru.