Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (Dr) karoorri guyyaa tokkotti biqiltuu Miiliyoona 700 dhaabuu karooraa oli milkaa’uu himaniiru.
Itoophiyaanonni yammuu walooman raajii hojjechuu akka danda’an har’a irra deebiin mirkaneessaniiru jedhan.
Mata duree “ Dhaabuun Bayyanachuu” jedhuun karoorri guyyaa tokkotti biqiltuu miiliyoona 700 dhaabuu karoora qabamee oli milkaa’uu ergaa karaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin ibsaniiru.