Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (Dr.) mootummaan dhaabbilee miidiyaa cimsuuuf deeggarsa barbaachisu ni taasisa jedhan

You are currently viewing Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (Dr.) mootummaan dhaabbilee miidiyaa cimsuuuf deeggarsa barbaachisu ni taasisa jedhan

AMN PLUS- Waxabajjii 18/2017

Dhaabbileen miidiyaa akka cimaniif mootummaan deeggarsa barbaachisu akka taasisu Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (Dr.) ibsan.

Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad ogeeyyiiwwan miidiyaa dhaabbilee miidiyaa uummataa fi dhuunfaarraa walitti dhufan waliin mari’ataniiru.

Ministirri Muummee Abiyyi (Dr.) mootummaan dhaabbileen miidiyaa maxxansaa deeggaramuu akka qaban ibsuun, mootummaa fi abbootiin qabeenyaa dhuunfaa indastiriiwwan waraqaa banuuf sochii eegaluusaanii dubbataniiru.

Rakkoo dhiheessii waraqaa dhaabbileen miidiyaa maxxansaa qaban furuuf mootummaan xiyyeeffannoon akka hojjetus himaniiru.

Dhiheessii faayinaansii ilaalchisees mootummaan akkaataa amalaa fi hojii qabiyyee dhaabbilee miidiyaatiin deeggarsa akka taasisu kaasaniiru.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply