Miseensonni mana maree, ummataa fi mootummaa gidduutti riqicha ta’uun gahee olaanaa bahataa jiru- Af-yaa’ii Buzeenaa Al-Kadir

You are currently viewing Miseensonni mana maree, ummataa fi mootummaa gidduutti riqicha ta’uun gahee olaanaa bahataa jiru- Af-yaa’ii Buzeenaa Al-Kadir

‎AMN PLUS – Hagayya 18/2017

‎Af-yaa’ii Mana Maree Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Aadde Buzeenaa Al-Kadir, miseensonni mana maree, ummataa fi mootummaa gidduutti riqicha ta’uun wal hubannoo uumuu keessatti gahee olaanaa akka bahataa jiran ibsan.

‎Manni Maree bulchiinsa magaalichaa Akkaadaamii Gahumsa Hooggansaa Afrikaatti, hooggansaafi miseensota isaa leenjisuu eegaleera.

‎Aadde Buzeenaan, manni marichaa gama hojii, humna namaa fi teeknooloojiitiin of gurmeessuun fayyadamummaa ummataa mirkaneessuuf ciminaan hojjechaa akka jiru ibsuun bara baajataa darbe keessatti jijjiiramni qabatamaa akka galmaa’e ibsaniiru.

‎Dabalataanis bu’aa argame tursiisuuf miseensonni mana maree gahumsa guutuu fi ergama isaanii milkaa’inaan ba’achuuf leenjiin ijaarsa dandeettii barbaachisaa akka ta’e dubbataniiru.

‎Leenjichi mul’ata biyyaa fi Finfinnee galmaan ga’uufi rakkoolee mudatan furuuf kan gargaaru ta’uu ibsanii jiru.

‎Raahel Abbabaatiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply