Artiistii buleessi Dabbabaa Isheetuun du’aan boqochuusaaniin Ministirri Muummee FDRI Abiyyi Ahimad (Dr) gaddi itti dhagahamuu ibsan.
Seenaa aartii Itoophiyaa keessatti ashaaraa guddaa kan qaban Artiist Dabbabaa Isheetuun Addunyaa kanarraa du’aan boqochuu isaatti gaddeera jedhan Dooktar Abiyyi fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin.
Artiist Dabbabaan seenaa Tiyaatiraa fi fiilmii Itoophiyaa ammayyeessu keessatti nama adda duree turan jedhan.
Itoophiyaan imala jijjiiramaa eegalte milkiin akka xumurtu gargaaruu keessatti gahee inni gama aartiin bahaataa ture yoomiyyuu ni yaadanna jechuun ibsan.