MM Abiyyi Ahimad (PhD) Kaffaltoota Gibiraa Amanamoof beekamtii kennan

You are currently viewing MM Abiyyi Ahimad (PhD) Kaffaltoota Gibiraa Amanamoof beekamtii kennan

AMN PLUS- Fulbaana 27/2018

Ministirri Muummee FDRI Abiyyi Ahimad (PhD) sagantaa beekamtii kaffaltoota gibiraa amanamoo marsaa 7ffaan lammiilee badhaafamaniif ergaa baga gammaddanii dabarsaniiru.

Ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin “Bara darbe Gibirri biyyaaf buustan guddina waloofi fayyadamummaa uummataaf oola jennee akkuma waadaa galle har’a misoomni kooridarii magaalota keessatti mul’atan ragaa dhaabbatoodha” jedhaniiru.

Ifaajiin keessan har’aa carraa fooyya’aa dhaloota egeree bocaa jira jedhaniiru.

Hannaafi malaammaltummaa ittisuuf sirnoota dandeessisan diriirsuuf yaalii taasisnu cimsinee itti fufnas jedhaniiru.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply