Mootummaan bittaa xaa’oo biyyoo birrii Biiliyoona 84 deeggarsa taasiseera- Girmaa Amantee (Dr.)

You are currently viewing Mootummaan bittaa xaa’oo biyyoo birrii Biiliyoona 84 deeggarsa taasiseera- Girmaa Amantee (Dr.)

AMN PLUS- Bitootessa 18/2017

‎Mootummaan bara kana bittaa xaa’oo biyyoof birrii Biiliyoona 84 deeggarsa taasisuu Ministirri Ministeera Qonnaa.Girmaa Amantee (Dr.) ibsan.

‎Bara bajaataa kana xaa’oo biyyoo kuntaala miiliyoona 24 dhiyeessuuf hojjatamaa jiraachuus kaasaniiru.

‎Ministirri Ministeera Qonnaa Girmaa (Dr.) addatti turtii AMN PLUS Sagalee Dhalootaa waliin taasisaniin, mootummaan tarkaanfiwwan fooyya’insaa damee qonnaarratti fudhateefi deeggarsa faayinaansii taasisaa jiruun bu’aan argaman Jira jedhan.

‎Tarkaanfiwwan fudhataman kanan lafti kilaastaran qotamu heektaara kuma 300 irraa yeroo ammaa gara heektaara miiliyoona 11.8tti akka ol guddate himan.

‎Jijjiiramaan dura misoomni qamadii jal’isii bonee lafa heektaara 3500 yoo ta’u,bara kana haga ammaatti lafti heektaarri miiliyoonni 3.5 misoomu Girmaan (Dr.) eeran.

‎Qonna gannaafi jal’isiin barana oomisha qamadii kuntaala miiliyoona 300 ni eegama jedhan.

‎Omishni kunis kan bara darbee kuntaala miiliyoona 70 ni caala jedhameera.

‎Sagantaa maaddii guutuun hojiileen hojjatamaa jiran milkaa’ina galmeessaa jiru kan jedhan Girmaan (Dr.), barana cuucii lukkuu miiliyoona 150 omishuuf hojjatamaa jiraachuu dubbataniiru.

‎Hanga baatii Guraandhala darbeettis cuucii miiliyoonni 85 omishamu himan.

‎Guddataa Ajjamaatu gabaase

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply