Mootummaan Ida’amuu har’a irra dhaabbatee, egeree fooyya’aa mil’achuun kan ijaaru ta’uu isaa Ministirri Muummee FDRI Abiyyi Ahimad (Dr.) ibsan.
Kitaabni 4ffaa Ministirri Muummee falaasama Ida’amuu irratti xiyyeeffachuun barreessan “Mootummaa Ida’amuu” kaleessa eebbifameera.
Sagantaa eebba kanaa irratti Pireezidaanti FDRI Ambaasaaddar Taayyee Atsiqasillaasee, Ministira Muummee Abiyyi Ahimad (Dr.), anga’ootni mootummaafi ajajaootni waraanaa olaanoo akkasumas qaamoleen hawaasaa garaa garaa hirmaataniiru.
Ministirri Muummee Dooktar Abiyyi kitaabichi “Ka’umsaafi gahumsa, daandiifi mootummaa” yaadota jedhan irratti akka fuuleffatu ibsaniiru.
Itoophiyaan maaliif akka hiyyeessa taateefi daandiin hiyyummaa keessaa ittiin ba’anis furmaataa kaa’uu hubachiisaniiru.

Mootummaan Ida’amuu badhaadhina kan hawwu qofa osoo hin taane kan milkeessu akka ta’es addeessaniiru.
“Biyya of taateefi fakkeenya taatu ijaaraa jirra” kan jedhan Dooktar Abiyyi kunis haala milkaa’ina qabuun gochaatti akka jijjiiramu ibsaniiru.
Hidhi Haaromsaa, Ashaaraan Magariisaafi milkiiwwan damee birootiin galmaa’anis agarsiistuu kanaa ta’uu itti dabaluun caqasaniiru.
Daandiin ittiin mul’atni kun milkaa’u yaada kitaabichaa isa 3ffaa ta’uu eeruun karaan kunis hirmaachisaafi gara alaatti illee kan fuulleffatu akka ta’e ibsaniiru.
”Sammuu tokkoon yaaduuf osoo hin taane biyya tokko gamtaan ijaaruuf hojjachuufi” kan jedhan Ministirri Muummee, qorichi caba Itoophiyaa yeroo tokkotti fayyisu Ida’amuu akka ta’ellee dubbataniiru.
Gama biraan, “Mul’atni egeree keenyaa kan milkaa’u mootummaan jabaa yoo jiraatu” kan jedhan Dooktar Abiyyi mootummaan ammoo bu’uura milkaa’ina waa maraa ta’uu ibsaniiru.
Mootummaan Ida’amuu illee har’a irra dhaabbatee egeree kan mil’atuufi galma ga’iinsa galma Ida’amuufis kan hojjatu akka ta’e addeessaniiru.
Malkaamuu Abbabaatiin