Mootummaan Naannoo Oromiyaa inisheetivii misooma Ashaaraa magaariisaa marsaa 7ffaan biqiltuu biiliyoona 5.3 dhaabuuf karoorfamee keessaa biqiltuuwwan biiliyoona 1.45 akka dhaabatee beeksise

You are currently viewing Mootummaan Naannoo Oromiyaa inisheetivii misooma Ashaaraa magaariisaa marsaa 7ffaan biqiltuu biiliyoona 5.3 dhaabuuf karoorfamee keessaa biqiltuuwwan biiliyoona 1.45 akka dhaabatee beeksise

‎AMN PLUS- Adoolessaa 12/2017

‎Mootummaan Naannoo Oromiyaa inisheetivii misooma Ashaaraa magaariisaa marsaa 7ffaan biqiltuu biiliyoona 5.3 dhaabuuf karoorfamee keessaa biqiltuuwwan biiliyoona 1.45 akka dhaabatee yaa’ii idilee 9ffaa waggaa 4ffaa, bara hojii 6ffaa caffeen Oromiyaa gaggeessaa jiruu irratti prizedaantiin naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan himan.

‎Naannichatti hojii inisheetivii ashaaraa magariisaan kunuunsa biyyeefi bishaaniif taasifamaa tureen misooma sululaa bara bajataa 2017 keessatti gaggeeffameen godinaalee naannichaa addaa addaatti bu’an qabatamaan galmaahu danda’eera jedhan.

‎Hojii eegumsa qabeenya bosonaa cimsuuf lafa hektaara miiliyoona 1 adda baasuun daangeessuufi kaartaa qopheessuun kan raawwatamee ta’u Obbo Shimallis ibsaniru. Bosonoota Oromiyaa hirmaannaa uummataan bulaa jiran lafa hektaara miiliyoona 2.49 irratti deeggarsaafi hordoffiin cimaan taasifamuus himaniru.

‎Dhibbaa rakkoon jijjirama qilleensaa fiduu jalaa miiliquuf Sagantaa Dhaabbii marroo 7ffaan bara kanaatiin naannoo Oromiyaa dhaabuuf karoorfamee ji’oota gannaa hafan keessatti dhaabuuf kaka’umsa olaanaan kan hojjetamuu ta’u dubbataniru.

‎Kaasiyyee Maanguddaatu Gabaase.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply