AMN PLUS- Onkololeessa 02/2018
Naannoo Affaar Godina Kaabaa Aanaa Barhaaleetti balaa Kirkira Lafaa mudateen namaafi qabeenyarra miidhaan gahe.
Bulchaan Aanichaa Obbo Alii Huseen, sababa kirkira lafaan ijoolleen umrii ganna 12 lubbuun yoo darbu namoonni 6 irrammoo miidhaan qaama gaheera jedhan.
Aanicha keessaa gandoota Bureefi Asgubii jedhamanitti manneen hedduun jijjiguus eeraniiru.
Manneen kuma 43f 456 guutummaan jijjiguun lammiileen golee mana jireenyaa malee bakkeetti hafuus eeran.
Miidhamtootaaf deeggarsi taasifamuuf hojiileen eegalamuus ibsaniiru.
Mohaammed Ma’aaritu gabaase