Naannoo Oromiyaatti bara kana Pirojektoonni kumni 27 ol xumuramuun tajaajilaaf qophaa’uu Pirezidaantiin Itti aanaa Naannoo Oromiyaa Obbo Awwaluu Abdii himan

You are currently viewing Naannoo Oromiyaatti bara kana Pirojektoonni kumni 27 ol xumuramuun tajaajilaaf qophaa’uu Pirezidaantiin Itti aanaa Naannoo Oromiyaa Obbo Awwaluu Abdii himan

AMN PLUS Waxabajjii 03/2017

Pirezidaantii Ittiaanaa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Awwaluu Abdii ibsa miidiyaaleef kennaniin mootummaan Naannoo Oromiyaa fayyadamummaa uummataa mirkaneessuuf hojii bal’aa hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.

Bara kana pirojektoota misoomaa garaa garaa kuma 27fi 922 keessaa pirojektoota kuma 27 ol Birrii biiliyoona 212 oliin ijaaramaa turan xumuramuun eebbaaf qophaa’uu ibsaniiru.

Naannichatti bara kana pirojetoota kuma 34fi 922 kunneen baajata Birrii Biiliyoona 244 oliin hojjetamaa turan keessaa 73 % hirmaannaa uummataatiin kan hojjetaman ta’uufi pirojetoonni kunniin fayyadamummaa uummataa kan giddugaleeffate ta’us Obbo Awwaluun ibsanii jiru.

Mikaa’ina pirojektootaa kanaf humni tajaajila lammummaafi humna walootiin kan hojjetameedha kan jedhan Obbo Awwaluun haaluma kanaan bu’uuraalee misoomaa kanneen akka ijaarsa daandiwwanii, Bishaan dhugaatii, Manneen barnootaa, Ifa boruu, ijaarsa jallisii, manneen harka qalleeyiifi manneen jireenya barsiisotaa irratti xiyyeeffannoo guddaan hojjetamaa turuun ibsameera.

Nageenya naannichaa mirkaneessuu wajjin wal qabatee mootummaan karaa hundaa carraa bal’aa kennuun hojjechaa eeruun humnoota waamicha nagaa diduun nageenya naannichaa booressuu barbaadan irratti tarkaanfii fudhachuun nageenya naammichaa tasgabbeessaa jiraachuu dubbatanii jiru.

Hojii gama kanaan hojjetameenis injifannoon olaanaa galmaa’aa jiraachuu ibsaniiru.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply