Naannoo Oromiyaatti qormaatni kutaa 6ffaa Caamsaa 26 – 27 akkasuma qormaatni kutaa 8ffaa Waxabajjii 03-05/ 2017tti akka kennamu Biiroon Barnoota Oromiyaa beeksiseera.
Sadarkaa Hoogganaa itti aanaa Biiroo Barnoota Oromiyaatti Gorsaan Biiroo Barnoota Oromiyaa Obbo Eefreem Tasammaa addatti AMN PLUS’tti akka himanitti barattoonni manneen barnootaa kuma 12 fi 449 keessatti barachaa jiran kuma 700 fi kuma 69 fi 176 Caamsaa 26 – 27/2017’tti qormaata naannoo xumura barnoota sadarkaa 1ffaa kutaa 6ffa ni qoramu jedhaniiru.
Barattoonni manneen barnootaa kuma 9 fi 783 keessatti barataa jiran kuma 500 fi kuma 92 fi 224 Waxabajjii 03-05/ 2017tti qormaata naannoo xumura barnoota sadarkaa Giddu Galeessaa kutaa 8ffaa akka qoramanis himaniiru.
Walumaa galatti, barattoota kutaa 6ffaafi 8ffaa miiliyoona 1 fi kuma 300 fi kuma 61 fi 400 buufataalee qormaataa 1305 keessatti qormaata kennuuf qophiin xumureera jedhan.
Qormaatichi nagaa, tasgabbiifi naamusa gaariin akka xumuramu maatiin barnootaafi dhimmamtootni hunduu gaheesaanii akka bahan
Sadarkaa Hoogganaa itti aanaa Biiroo Barnoota Oromiyaatti Gorsaan Biiroo Barnoota Oromiyaa Obbo Eefreem Tasammaa ergaa dabarsaniiru.
Wandimmaagany Asaffaan