Naannoo Oromiyaatti ganna xumuramaa jiru hordofee tatamsa’inni dhukkuba busaa akka hin babal’anneef hojiiwwan garaa garaa hojjetamaa jiraachuu Biiroon Fayyaa Oromiyaa beeksise.
Hogganaa Itti Aanaan Biirichaa Doktar Tasfaayee Kabbabaa, dhibee kana dursanii ittisuuf marsaa duraatiin saaphana siree miliyoona Tokkoofi Kuma 600 hawaasaaf raabsamuu himaniiru.
Dhibee Busaa ittisuu fi to’achuuf dargaggoonni tola ooltotaa hirmaannaa olaanaa agarsiisaa kan jiran yoo ta’u iddoowwan wal-hormaata bookee busaaf mijaawoo ta’an qulqulleessaa akka jiran itti dabaluun himaniiru.
Tooftaalee bookee busaa to’achuuf oolan hawaasa barsiisuu akkasumas saaphana kennameeffitti sirnaan akka fayyadaman gorsuun akka barbaachisus hubachiisaniiru.
Iddoowwan filatamanittis mana hundarra deemuun biiffaan kemikaalaa farra bookee busaa akka adeemsifamu Biiroon Fayyaa beeksisuu Tajaajila Oduu Itoophiyaa gabaaseera.