Naannoo Oromiyaatti waggoottan jahan darbanitti fayyadamtoota inshuraansii fayyaa hawaasaa mil. 29 ol horachuun danda’ameera- Biiroo Fayyaa Oromiyaa

You are currently viewing Naannoo Oromiyaatti waggoottan jahan darbanitti fayyadamtoota inshuraansii fayyaa hawaasaa mil. 29 ol horachuun danda’ameera- Biiroo Fayyaa Oromiyaa

AMN PLUS- Bitootessa 18/2017

Naannoo Oromiyaatti waggoottan jahan darbanitti fayyadamtoota inshuraansii fayyaa hawaasaa mil. 29 ol horachuun danda’amuu  Biiroo Fayyaa Oromiyaa beeksiseera.

Biiroon Fayyaa Oromiyaa waggoottan jahan darbanitti fayyummaa hawaasaa mirkaneessuuf tajaajila fayyaa qulqullina, walgitiinsa qabuu fi haqa qabeessa ta’e kennuun hawaasa fayya qabeessa horachuuf xiyyeeffannaa olaanaan hojjechaa jiraachuu ibseera.

Hoogganaa Itti Aanaa Biiroo Fayyaa Oromiyaa Dr.Bokonaa Guutaa, waggoottan jahan darbanitti sirna tajaajila fayyaa dursanii dhukkuba ittisuufi yaalanii fayyisuu bu’uura godhachuun hojii hojjetameen bu’aawwan gurguddoo kan argaman ta’uu ibsaniiru.

Haluma kanaan waggoottan jahan dura baay’ina hospitaalotaa 70 ture, yeroo ammaa 110 qaqqabsiisuun hawaasni dhiyeenyaan tajaajila fayyaa akka argatu taasifameera.

Keellaa fayyaa walii galaa 200 haaraa ijaaruun, hawaasni baadiyaa tajaajila fayyaa naannoo isaatti akka argatu taasifamuu Dr. Bokonaan dubbataniiru.

Tajaajila fayyaa dhaabbileen fayyaa kennan aammayyeessuuf tajaajila haarawa kana dura hin turre akka (imaging) hospital 7 keessatti CT -scan galchuun danda’amee jira.

Tajaajila baqaqsanii deessisuu buufata fayyaa keesatti armaan dura hin turre yeroo ammaa buufata fayyaa 61 keesatti tajaajila baqaqsanii deessisuu kennamaa jiraacuu eeraniiru.

Waggoottan 6n darbetti ambulansii haarawa 159 Godinoota, Magaalota fi hospitaalotaaf qooduun du’aatii haawwota fi daa’immanii xiqqeessuun kan danda’ame ta’uus Dr. Bokonaan yaadachiisaniiru.

Inshuraansii fayyaa hawaasaa Aanoota 3 qofa irra ture, Aanaalee fi Magaaloota oromiyaa hundatti babal’isuun danda’aamee jira.

Bu’uruma kanaanis abbaa warraa miliyoona 5.7 miseensa inshuraansii fayyaa hawaasaa gochuun, fayyadamaa miseensa maatii inshuraansii fayyaa hawaasaa milliyoona 29n gahuun akka danda’amee kaasaniiru.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply