Naannoo Oromiyaatti waliingahiinsa bishaanii mirkaneessuuf hojiiwwan hojjetamaa jiran abdachiisaa ta’uu Biiroon Bishaaniifi Inarjii Naannichaa beeksiseera.
Ogeeyyiin miidiyaa qindeessummaa Biiroo Bishaaniifi Inarjiifi Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaatiin pirojektoota dhiyeessii bishaanii Godinaalee Arsii Lixaa fi Baalee daawachaa jiru.
Dhaabbanni Tajaajila Bishaaniifi Dhangala’aa Heeban Nageellee Siraaroo qaama daawwannichaa keessaa tokko yoo ta’u, aanaalee torba godinichatti argamaniif tajaajila bishaanii kennaa jiraachuutu himame.
Hoji-Geggessaan tajaajilichaa Injinar Aliyyii Angishuu maamiloota kuma 17 ol tajaajilaa kan jiru dhaabbatichi, uwwisa dhiyeessii bishaaniis gara dhibbantaa 74tti ol guddisuun danda’amuu dubbatan.
Rakkoo humna ibsaa hanqina dhiyeessii bishaaniif sababa ture furuufis soolaariiwwan annisaa lama birrii miliiyoona 15n bituun hawaasaaf bishaan gahaa dhiyeessaa jiraachuu himan.
Daawannicharratti kan argaman Hoggantuun Biiroo Bishaanii fi Inarjii Oromiyaa Injinar Miiliyoon Baqqalaa dhaabbileen tajaajila bishaaanii 235 akka naannichaatti bifa haaraan caaseffamuun dhiyeessa bishaanii ol guddisuurra darbee galii mataasaanii akka qabaataniif hojjetamaa jiraachuu dubbatan.
Fayyadamtootni Dhaabbata Tajaajila Bishaanii Heeban Nageellee Siraaroo hanqina dhiyeessii tureen rakkoo garagaraaf saaxilamaa turuu dubbachuun ammatti rakkochi isaaniif furamuu ragaa bahan.
Bulchaa Nagaraatu gabaase