Naannoo Tigraayitti sagantaan shaaraa magariisaa mata-duree ‘Dhaabuudhan Bayyanachuu’ jedhuun guyyaa tokkotti biqiltuu miiliyoona 700 dhaaba jiru.
Sagantaan kun akka Naannoo Tigraayitti Goodina Tsada Ambaatti ifatti kan jalqabame yoo ta’u, Hoogganaan Biiroo Qonnaa fi Misooma Baadiyyaa Naannichaa Iyyaasuu Abrahaa (Dr.), Pireezidaantii Bulchiinsa Yeroo Naannoo Tigraay bakka bu’uun ergaa dabarsanii jiru.
Ergaa isaanii keessattis qonna qabeenya uumamaa giddu galeessa godhate uumuuf hojiin misooma magariisaa hojjetamaa jira jedhan.
Misooma itti fufiinsa qabu uumuuf qabeenya uumamaaf kunuunsa taasisuun barbaachisaa ta’uu ibsuun, sagantaan biqiltuu dhaabuu guyyaa tokko har’a kunis, naannichatti adeemsifama jira akka jiru Iyyaasuu Abrahaa (Dr.) ibsaniiru.
Biqiltuu dhaabameefis kunuunsi itti fufiinsa qabu taasifamuu qaba jedhaniiru.
Jiraattonni saganticha irratti hirmaatanis, biqiltuu dhaabuun jiidhina qabachuuf, oomishtummaa guddisuuf, akkasumas jijjiirama qilleensaa ittisuuf gargaara jedhan.
Biqiltuun dhaabame akka dagaagu kunuunsi itti fufiinsa qabu akka barbaachisullee himaniiru.