Naannoon Oromiyaa caasaalee gandaaf mootara kuma 6f 800 kenne

You are currently viewing Naannoon Oromiyaa caasaalee gandaaf mootara kuma 6f 800 kenne

AMN PLUS- Onkoloolessa 04/2018

Mootummaan Naannoo Oromiyaa Gandoonni Wiirtuu Guddinaafi badhaadhinaa waan ta’aniif Tajaajila Gandootatti kennaman si’ataa akka ta’uuf hojjechaa jiraachuu himame.

Lammiileen naannawaa manasaatii osoo hin fagaatin tajaajila barbaadan akka argatan taasisuuf xiyyeeffannoo kennuu Pirezidaantiin Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa ibsaniiru.

Bu’uruma kanaan Mootummaan Naannichaa Gandoota Loojistikiidhaan humneessuun Rakkoo Tajaajilaa Uummataa furuun Tajaajila si’ataan akka kennamu taasisuuf Mooteroota Tajaajila Geejibaaf oolan 6800 Caasaa Gandootaaf dabarsee kenneera.

Mootaroota Geejibaaf Oolan kanneen dabarsanii kan Kennan Obbo Shimallis Abdiisaa, kenniinsa Tajaajilaa irratti xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu himanii kanaanis uummatatti siqanii hojjechuuf caasaan Mootummaa Gandaa akka hundaa’u ta’eera jedhan.

Kanaaf Mooteroonni kennaman kunneenis caasaan Gandaa bakka uummanni jirutti deemee akka tajaajiluuf murteessaa ta’uu himan.

Gandoonni Gama hundaan Ce’umsa Guutuu galmeessisuu qabuu kan jedhan Obbo Shimallis Leecaalloon kunis kana milkeessuuf shoora olaanaa qabaachuu kaasaniiru.

Jiraataa Biyyanaatu Gabaase.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply