Nageenya waaraa buusuu fi misooma mirkaneessuuf fakkeenya ta’anii hojjechuun akka barbaachisu Paatriyaarkiin Mana Amantaa Ortoodooksi Tawaahidoo Itoophiyaa Qulqulluu Abuna Maatiyaas dubbtan.
Gumiin walharkaa fuudhinsa lubootaa bataskaana Ortodoksi Tawaahidoo Itiyoophiyaa waggaa waggaa baatii Caamsaa adeemsifamu eegaleera.
Qulqulluun Abuna Maatiyaas baniinsa yaa’ichaarratti ergaa dabarsaniin, miseensonni Sinoodoosii qulqulluu nagaa, guddina, tokkummaa biyyaa fi tajaajila hawaasummaaf caalaa hojjechuu akka irraa eegamu ibsaniiru.
Miseensonni Sinoodoosichaa tajaajila hawaasummaarratti hirmaachuun Kiristaanota barsiisuu akka qaban dubbachuusaanii TOI’tu gabaase.