‎Nageenyi argame hojiilee misoomaaf haala mijeesse- Abbootii Gadaafi Jaarsolii Biyyaa Godina Gujii Lixaa

You are currently viewing ‎Nageenyi argame hojiilee misoomaaf haala mijeesse- Abbootii Gadaafi Jaarsolii Biyyaa Godina Gujii Lixaa

‎AMN PLUS- Fulbaana 21/2018

‎Nageenyi naannoo Oromiyaa godina Gujii Lixaatti argame hojiilee misoomaa cimanii akka itti fufaniif haala mijeessuu isaa abbootiin Gadaa fi jaarsoliin biyyaa ibsan.

‎Abbootiin Gadaa fi Jaarsoliin biyyaa sirna Gadaa mallattoo nagaa, jaalalaa, fi tokkummaa ta’e bu’uura godhachuun haaloo bahuufi jibbiinsa dhiisuun nageenya ijaaruun murteessaa ta’uu ibsaniiru.

‎Godinichatti hidhattoonni meeshaa waraanaa Hidhatanii bosona seenuun socha’aa turan, amma garuu duudhaa kabajuun waamicha nageenyaa mootummaa fudhatanii dhufuusaaniif galateeffataniiru.

‎Kanneen bosonatti hafan biroon yoo jiraatan carraa gaarii kanatti fayyadamuun hidhannoo hiikanii hawaasatti makamanii gara misoomaatti deebi’uun uummata kiisuuf akka qophaa’an dhaamsa dabarsaniiru.

‎Itti Gaafatamaan Waajjirra Bulchiinsaa fi Nageenyaa Godina Gujii Lixaa Ayyalaa Dhaabaa, hidhattoonni hedduun waamicha nageenya mootummaa fi Abbootii Gadaa simachuun hidhannoo hiikkatanii nagaan deebi’uu isaaniin nagaa fi tasgabbiin amansiisaa uumamuu ibsaniiru.

‎Kanaanis hojiin misoomaa gama hundaan cimee itti fufuu isaa ibsuu isaanii TOI’n gabaaseera.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply