Namoota dhuunfaafi gareewwan biyya keessaafi alaa taa’uun miidiyaalee hawaasaa adda addaa fayyadamuun biyyattii keessatti jeequmsaafi hokkora kaasuuf yaalan irratti hordoffii cimaan akka taasifamu Poolisiin Federaalaa ibse

You are currently viewing Namoota dhuunfaafi gareewwan biyya keessaafi alaa taa’uun miidiyaalee hawaasaa adda addaa fayyadamuun biyyattii keessatti jeequmsaafi hokkora kaasuuf yaalan irratti hordoffii cimaan akka taasifamu Poolisiin Federaalaa ibse

‎AMN PLUS – Adoolessa 17/2017

Namoota dhuunfaafi gareewwan biyya keessaafi alaa taa’uun miidiyaalee hawaasaa garaagaraa fayyadamuun biyyattii keessatti jeequmsaafi hokkora kaasuuf yaalan irratti hordoffii cimaan akka taasifamu Poolisiin Federaalaa ibseera.

Qondaaltonni olaanoon raayyaa ittisa biyyaa, Poolisii Federaalaa, Ministeera Dhimma Alaa, Eegdota Riippabliikaa, Tajaajila Odeeffannoofi Nageenya biyyaalessaa akkasumas Poolsii Magaalaa Finfinneerraa walitti dhufan karoora nageenyaafi tasgabbii baatiiwwan sadan dhufaniirratti mari’ataniiru.

Kaayyoon karoorichaas taateewwan gurguddo addunyaa, aardiifi biyyaalessaa baatii Adoolessaa hanga Fulbaana 30 bara 2018tti biyyattiitti adeemsifaman ilaalchisuun akka ta’es ibsameera.

‎Komishinarri Jeneraalaa Komishinii Poolisii Federaalaa Dammallaash G/Mikaa’eel taateewwan gurguddoo kanneen karaa nagaafi milkaa’ina qabuun qopheessuuf keessummaa simachuurraa kaasee bobbii hojii hunda karaa gurmaa’een hoogganuufi qindeessuun akka barbaachisu dubbataniiru.

‌‎Hordoffiifi sakatta’iinsi farreen nageenyaarratti xiyyeeffateefi hawaasa hirmaachise magaalaa Finfinneefi naannawaa ishee, akkasumas keellaa seensaafi bahiinsaa hundarratti akka taasifamus ibsaniiru.

Namoota dhuunfaafi gareewwan biyya keessaafi alaa taa’uun miidiyaalee hawaasaa adda addaatti fayyadamuun biyyattiitti jeequmsaafi hokkora kaasuuf yaalan irrattis hordoffii cimaan ni taasifama, seerattis akka dhihaatan ni taasifama jedhaniiru.

‎Komishinarri Jeneraalaa Komishinii Poolisii Federaalaa Dammallaash dhaabbileen nageenyaa hundinuu torbee guutuufi sa’aatii 24 qindoominaan hojjechuun, humna namaafi teeknolojii fayyadamuun yakkamtoota gurmaa’an to’achuufi dhaabsisuun akka irraa eegamu hubachiisuusaaniiru.

Odeeffannoo Poolisiin Federaalaatu AMN ’f erge.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply