Obbo Aganyoo Tashaagar Yaa’ii gamtaa Paarlaamaa idil addunyaarratti hirmaachaa jiru

You are currently viewing Obbo Aganyoo Tashaagar Yaa’ii gamtaa Paarlaamaa idil addunyaarratti hirmaachaa jiru

AMN – Bitootessa 29/2017

Jilli Mana Maree Bakka Bu’oota Uumataa fi Federeeshinii Obbo Aganyoo Tashaagariin durfamu yaa’ii gamtaa Paarlaamaa idil addunyaa 150ffarratti hirmaachuuf Uzbeekiistaan, magaalaa Tashkentiii dhaqeera.

Itoophiyaa bakka bu’uun yaa’icharratti haasawa kan taasisan Obbo Aganyoo Tashaagar, Itoophiyaan tumsa gamticha keessatti qabdu itti fufuuf kutannoo akka qabdu ibsaniiru.

Milkaa’ina galmoota misooma fulla’aa 2030’f qaamoleen dhimmi ilaallatu tumsa idil addunyaa cimsuu akka qaban hubachiisaniiru.

Itoophiyaan nagaa fi badhaadhina sadarkaa biyyaalesaatti qofa osoo hintaane, sadarkaa idil addunyaatti dhugoomsuuf mul’ata akka qabdu kaasanii, karoora misoomaa

waggaa 10 galmoota misoomaa fulla’aa 2023 fi ajandaa Afriikaa 2063 waliin walsime baaftee hojjechaa akka jirtu ibsaniiru.

Itoophiyaan waggoottan darban biqiltuu Biiliyoona 40 caalu dhaabuun sagantaan misooma magariisaa akka milkaa’u hojjechaa akka jirtu ibsaniiru.

Itoophiyaan galmoonni misooma fulla’aa miliniyeemii akka milkaa’an imaammattoota, sagantaawwanii fi hammattoowwan seeraa qorachuun raggaasuun, hordoffii fi deeggarsa gochuun fi paarlaamaan waan irraa eegamu bahachaa akka jiru kaasaniiru.

Mootummaan

Itiyoophiyaan tarkaanfiiwwan paarlaamaa cimaa fi seera baasuu guddisuuf hojjechaa akka jirtu odeeffannoon mana maricharraa argame ni mul’isa.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply