Obbo Ahimad Shideen Daarektara Fandii Misooma Diinagdee Arabaa Kuweet waliin mari’atan

You are currently viewing Obbo Ahimad Shideen Daarektara Fandii Misooma Diinagdee Arabaa Kuweet waliin mari’atan

AMN Plus – Onkoloolessa 04/2018

Ministirri Maallaqaa Ahmad Shidee Walgahii Waggaa Baankii Addunyaa fi IMF cinaatti Daarektara Yeroo Fandii Misooma Diinagdee Arabaa Kuweet Waleed Al-Bahar waliin marii bu’a qabeessa taasisaniiru.

Mariin kun walta’iinsa yeroo dheeraa Itoophiyaa fi Fandii Kuweet gidduu ture cimsuu irratti kan xiyyeeffate ta’uu ibsameera.

Obbo Ahimad riifoormii diinagdee gooroo Itoophiyaa irratti ibsa bal’aa kennaniiru. Seektara dhuunfaa hirmaachisuun, bu’uuraalee misooma geejjibaa irrattis hojjetamaa jiraachuu eeruun fandiin kun sochiilee misoomaa kana akka utubu himan.

Mr. Al-bahaar gama isaaniin mul’ata diinagdee Itoophiyaafi milkaa’inoota gamanumaan galmaa’aa jiran dinqisiifachuun, dhaabbatni isaanii sochiilee misoomaa kanneen deeggaruu akka itti fufu mirkaneessuu odeeffannoon Ministeerri Faayinaansii nuuf erge ni agarsiisa.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply