Ministirri Muumnee Itti aanaa obboo Tamasgan Xurunaa ayyaanota ji’a Fulbaanaa keessa kabajaman ilaalchisuun har’a hoggantoota nageenyaa Federaalaa, bulchiinsa magaalaa Finfinnee fi naannoo Oromiyaa waliin mari’ataniiru.
Obboo Tamasgan ergaa karaa fuula miidiyaa hawaasummaa isaanii qodaniin, ayyaanonni addababayii fi uummataa Damaraa fi Masqalla, Irreechii fi kanneen biroo milkaahinaan akka kabajamanii fi nagaan akka xumuraman qophaahamuu eeran.
Ayyaanonni kanaan dura kabajaman qaamoleen nageenyaa fi uummanni qindoominaan hojjechuu isaaniitiin milkaahoo ta’uu beeksisan.
Ayyaanonni addababayii gurguddoon fuuldura kanaa nagaan akka kabajaman dhaabbileen nageenyaa hundi qophii teeknooloojiin deeggarame godhaniiru jedhan.
Milkaa’ina ayyaanota kanneeniif hoggantoonni nageenyaa fi miseensonni hawaasa waliin qindoominaan akka hojjetan kallattiin kaawwamuus hubachiisaniiru.