Ogeeyyiin miidiyaa fi koomunikeeshinii dhugaa jijjiirama biyyoolessaa fi seenessi waloo cimee akka itti fufuuf shoora isaanii bahuu akka qaban, Itti gaafatamaan Damee Quunnamtii uummataa fi hariiroo idil addunyaa Paartii Badhaadhinaa Biqilaa Hurrisaa (Dr) himan.
Magaalaa Direedhawaatti leenjiin gabbisa dandeettii guyyaa sadiif turu ogeeyyii fi hoggantoota miidiyaa fi koomunikeeshiniitiif har’a kennamuu eegaleera.
Bara ‘’Jabana dhugaan boodaa beekumsaa fi dhugaan” Mata duuree jedhuun leenjii kennamu irratti kan argaman Itti gaafatamaan Damee Quunnamtii uummataa fi hariiroo idil addunyaa Paartii Badhaadhinaa Biqilaa Hurrisaa (Dr) akka ibsanitti, jijjiirama biyyoolessaa hordofee hojii hojjetameen bu’aan gama hundaan galmaa’uu dubbataniiru.
Waggoottan toorban darbanitti, seenessa waloon gaggeeffamuun
hojii hojjetamaniin Itiyoophiyaa fi Itiyoophiyaanonni hundee jabaa irra akka dhaabbatanii fi Addunyaa fuulduratti ol jedhanii akka adeeman isaan dandeessiseera jedhaniiru.
Yeroo ammaa biyyoota Afriika dinagdee guddaa qaban muraasa keessaa tokko ta’uushee kasaniiru.
Gama Dippiloomaasiin jijiiramni abdachiisaan galmaa’uu ibsuun gaaffiin abbummaa hulaa galaanaa ifa bahuu danda’uun argarsiistuu ta’uu eeraniiru.
Jijiirama biyyoolessaa , dhugaa fi seenessa waloo, ol kaasuun addunyaatti beeksisun jabaatee akka ittifufuuf, ogeessoonni fi hoggansi miidiyaa fi koomunikeeshinii qindoominaan, gaheesaanii bahuu akka qaban hubachiisaniiru.
Itti gaafatamummaa biyyaa guddaa kana dhugaa fi beekumsaan deeggaruun kutannoon bahuu qabna jechuun hubachiisaniiru.
Itti gaafatamummaa sirnaan bahuuf odeffannoo kijibaa qoqqooddaa afarfaman dhugaatiin mo’achuuf leenjiin qophaa’e bu’aa guddaa buusa jedhaniiru.
Kantiibaa magaalaa Diree Dhawaa Kadir Jahaar gama isaaniin, ogeeyyiin miidiyaa fi koomunikeeshinii ogummaa fi dandeettii dabalataa argataniin gaggeeffamuun fuulduratti hojii dhiibbaa geessisu hojjechuu akka danda’an hubachiisuusaanii TOI’tu gabaase.